Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Manni Murtii Aadaa hundeeffame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Manni Murtii Aadaa hundeeffameera.

Haqaa dabee fi waldhabdee hawaasa keessatti uumamaniif manni murtii Aadaa hunda caalaa murteessaa waan ta’eef Oromoon akkuma kaleessaa safuu, Aadaa, duudhaa fi eenyummaa isaa ofiif ilaallatee ilaa fi ilaameedhaan giddu seentummaa qaamolee biroo malee waldhabdee isaanii hiikkachuu duudhaa kaleessatti deebi’uu qaba jedhan Bulchaan Aanaa Adaamaa Obbo Taayyee Doorii.

Oromoon waggoota dheeraa dura osoo Manni Murtii ammayyaa hin dhufin dura waldhabdee fi wantoota garagaraa isaan muudatu hunda aadaa isaatiin hiikkatee wal bulchaa ture waan ta’eef har’as aadaa fi duudhaan kaleessaa sun waan nuuf deebiteef gammannee jechuun jiraattoonni aanichaa himuu ragaan kominikeeshinii Adaamaarraa argame ni mul’isa

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.