Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaatti Bireenii dabalatee meeshaaleen waraana 153 fi rasaasawwan kumni 17 ol to’ataman

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa hedduun to’atamuu ibsame.
Bireenii dabalatee meeshaaleen waraana 153 fi rasaasawwan kumni 17 ol to’atamuu Qajeelchi Poolisii godinichaa beeksiseera.
Meeshaaleen waraanaa yakkoota garaagaraaf qophaa’an aanaalee godinichaa 13 fi bulchiinsota magaalaa 3 keessatti to’atamuu itti aanaan daayreektara ittisa yakkaa fi kabachiisa nageenya naannoo Insipeektarri olaanaan Tarreessaa Dheereessaan ibsaniiru.
Guyyoota 20 darban keessa sakattoo tasa gaggeeffameen Bireen 7, Kilaash Kooviin 17 fi Shugguxiiwwan 127 to’atamu ibsaniiru.
Akkasumas rasaasawwan kumni 17 fi 451 fi Boombiwwan 4 fi raadiyoon walqunnamtii garaagaraa fi amanatsirri dirree waraanaa to’atamuu eeraniiru.
Daddabarsa meeshaalee waraanaa kana waliin qabatee namoonni shakkaman 56 to’atamuun himaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.