Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Toleetti gareen Shanee tarkaanfii gara jabinaa lammiilee nagaarraatti fudhateen lubbuun namootaa darbe – BMNO

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Toleetti gareen shororkeessaa Shanee tarkaanfii gara jabinaa lammiilee nagaarraatti fudhateen lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyi barbadaa’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibse.

Humni shororkeessaa shanee ummata Oromoon jibbameefi balaaleffatame tarkaanfii qaamolee nageenyaan irratti fudhatamaa jiru jala dhaabbachuu dadhabe ajjeechaa gar-jabinaa guyyaa har’aa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Toleetti fudhateen lubbuun namootaas darbeera, qabeenyis barbadaa’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa baaseen himeera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee nageenyaa Federaalaa waliin qindaa’uun tarkaanfii humna shoororkeessaa kana irratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Namoota humna shoororkeessaa kanaan lubbuun isaanii darbeef gadda itti dhagaahame ibsaa ummanni Naannoo keenyaa deeggarsa qaamolee nageenyaaf taasisaa jiru daran akka cimsu waamicha dabarsaa maatiifi firoottan namoota wareegamaniif jajjabina hawweera.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.