Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti rakkoon nageenyaa ture fooyya’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Godinaalee Wallagaa Lixaa ,Qellem Wallagaa fi Gujii Lixaatti Qindoomina caasaa nageenyaa fi hawaasaan hojii hojjetameen rakkoon nageenyaa ture fooyya’iinsa argamsiisa jiraachuun ibsameera.
Rakkoo Nageenyaa Godinaalee Oromiyaa garaa garaatti tureen miidhaa lubbuu, qaamaa fi qabeenyaa qaamolee hawaasaafi dhaabbilee garaagaraarraan gahaa tureen gaaga’amni dinagdee guddaan gahuu bulchitootni godinaalee kanneenii Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiitti himaniiru.
Dararaa sukkaneessaan lubbuu namaa galaafachuurraa, hanga qabeenya saamuutti, Caasaa mootummaa diiguu fi bu’uraalee misoomaa hanga mancaasuutti midhaawwan gahaa turuu bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Salamoon Taammiruu ibsaniiru.
Yeroo ammaa hojii hawaasaa fi caasaa nageenyaa waliin hojjetamaa tureen godinichi gara tasgabbiitti dhufaa jiraachuu dubbataniiru.
Rakkoo nageenyaan godinaalee qoramaa turan keessaa tokko kan ta’ee godina Gujii lixaas, hojii qindoomina caasaa nageenyaafi hawaasa hojjetameen rakkicha keessaa bahuuf fiixeerra ga’uu bulchaa godinichaa Obbo Adulaa Irbaayyeen dubbataniiru.
Godinichi gandoota 210 qabu keessaa, gandoonni 92 sochii diinaan danqamanni turanis ammatti gandoota sadiirraan kan hafe, godinichi humna guutuun hojjii misoomaa keessa jiraachuu eeraniiru.
Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaanis gama isaaniin Opreeshinii qindaa’aa Caasaan nageenyaa uummata waliin gaggeessaniin sochiin diinaa laafurra darbee qaamoleen hidhatanii socho’an harka kennachuu, booji’amuufi keessoo isaatti wal diiguun haalli nageenya godinichaa gara nagaatti deebi’eera jedhan.
Miseensoonni garee shanee hawaasa dararaa hedduuf saaxilaa turan waamicha nageenyaa mootummaa, abbootii amantaa fi jarsoolii biyyaa fudhachuu fi kanneen biroo booji’amuun gara sochii nagaatti deeb’aa jiraachuu bulchitootni Godinaalee kanneenii eeraniiru.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.