Fana: At a Speed of Life!

Godinichaatti miseensonni Shanee 32 harka yoo kennatan 17 booji’amuun ibsame

Finfinnee, Ebla 6, 2016 (FBC)-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hojii nageenya mirkaneessuuf humni waloo qindoominaan hojjechaa jiruun garee Shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfii fudhatameen miseensonni garichaa 32 harka yoo kennatan 17 kan ta’an booji’amaniiru.

Miseensonni garichaa harka kennatan uummata Oromoo dheebuu misoomaafi nageenyaa qabu irraa dhalannee ajjeechaafi saamicha irratti raawwachaa turree jirra jechuun qabsoon keenya siyaasa Oromoo kan ijaaruu osoo hin taane, kan diigu, dhaloonni Oromoo akka itti hin fufneef kan taasisu waan ta’eef keessaa bahuu filannee jedhan.

Ajajaan Koorii 402ffaa Kolonel Mahaammad Muusaa hojii oppireeshinii gaggeessaa jiraniin jijjiiramni gama nageenyaan dhufe olaanaa ta’uu himuun, yaaddoo nageenyaa keessaa bahamee misooma itti fufsiisuuf hawaasni tumsa isaa cimsuu qaba jechuu isaanii Ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.