Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Ganna baranaa callaa kuntaala miliyoona 22 ol argachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Qonna Gannaa baranaan callaa kuntaala miiliyoona 22 ol argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Arsii beeksie.

Godinichatti facaasaan sanyii eegalamuun eerameera.

Ittaanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Arsii Obbo Musxafaa Huseen, barana Godinichatti lafa heektaara kuma 600 ol qonna Gannaatiin misoomuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Kana keessaa lafti hektaarri kuma 400 fi kuma 52 ol kilaasteraan akka misoomu himaniiru.

Qonnaan bultoonni ooyiruu yeroon qopheeffachuu kan dubbatan Obbo Musxafaan, xaa’oon kuntaala kuma 700 fi kuma 61 ol qonnaan bultotaaf raabsameera eeran.

Sanyiin filatamaan kuntaala kuma 55 fi 132 dhihaachaa jiraachuus himaniiru.

Oomisha qonna Gannaa baranaarraas callaa kuntaala miliyoona 22 ol oomishuuf hojjatamaa jiraachuu Obbo Musxafaan himuusaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.