Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti sosochiin Ittisaa Dhibee koleraa fi Dhiigaa arjoomuu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Godina Harargee Bahaati sosochiin Ittisaa Dhibee koleraa fi Dhiigaa arjoomuu eegalameera.

Bulchaan godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad dhiibee koleraa ittisuuf qaamoleen sadarkaa jiran qindoominan akka hojjetan yaadachiisaniiru.

Dhibeen koleeraa Godinaa Harargee Bahaa aanaalee 9 keessattii mul’achuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabaw ibsaniiru.

Dhibee koleraa ittisuun seektaraa fayyaa qofaan osoo hin taane hirmaannaa hundaa kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaaa Godina Harargee Bahaa Obbo Mahammadin Kabiir Huseen sosochii kanaan dhibee Koleeraa torbeewwan 8 keessatti dhabamsisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yaasiin Shamsuddintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.