Fana: At a Speed of Life!

Googliin tajaajila hiikkaa afaanii keessatti Afaan Oromoo fi Tigriffaa dabale

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) –Dhaabbanni Googlii tartiiba tajaajila hiikkaa afaanii keessatti Afaanoota Oromoo fi Tigriffaa dabaleera.

Dhaabbatichi afaanoota namoota miiliyoona 300’n dubbataman waliigalaan afaanoota 24 haaraan gara tajaajila hiikkaa keessatti dabaluu beekameera.

Kanneen keessaa Afaanoonni Afrikaa 10 yoo ta’an,  Afaan Oromoo fi Tigriffii warreen keessatti dabalamanidha.

Kanaan dura ‘Google Translate’ tajaajila hiikkaa fi qabiyyee hiikichaa akkamiin foyyeessuuf kan gargaarudha.

Afaanoota baldhinaan dubbatamanii fi guddataa jiran keessaatti jechoonni barreeffamaa hedduun babaldhachaa dhufaniis afaanoota hundaarratti kan hin muul’anne ta’uu ibsameera.

Googliin hiikkaan afaanoota haaraa dabalataa kunneenii fakkeenyota kanaan duraa kan hin eerree fi sooftiweeroota haaraarratti kan hunda’aaniidha jedheera.

Qorataa hiikkaa googlii kan ta’aan Ayiizaak Kaasweel BBC’f akka himaniitti, hojiin kun googliin qofaa osoo hin taane teeknooloojiiwwan biiroonis tajaajila uwwisa hawaasa baldhaaf laachuudha jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.