Fana: At a Speed of Life!

Guddina Ityoophiyaa sadarkaa barbaaddamuun ga’uuf ga’ee fi itti gaafatamummaan Proofeesaroota guutuu olaanaadha jedhame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Guddina Ityoophiyaa sadarkaa barbaaddamuun ga’uuf ga’ee fi itti gaafatamummaan Proofeesaroota guutuu olaanaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee olaanoo Proofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru.
Yaa’iin idilee Mana Maree Proofeesarootaa 2ffaan mata duree ‘hayyoota keenya galma saayinsii fi barnoota olaanooof’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Baniinsa sirnichaarratti haasawa kan taasiisan Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee olaanoo Proofeesar Afawarqi Kaasuu guddina Ityoophiyaa sadarkaa barbaaddamuun ga’uuf ga’ee fi itti gaafatamummaan Proofeesaroota guutuu olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa fi iddoo jirrutti itti gaafatamummaan yoo hojjenne biyyattiin guddina barbaaddurraan ni geenya jedhan.
‘Isin milkaa’in misoomaa fi badhaadhina Ityoophiyaaf lafee dugdaati’ jedhan.
Yaa’iin guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun milkaa’ina galmawwan Saayinsii fi Barnoota olaanoorratti haala deeggarsa barbaachisu taasiisuun danda’amurratti ni mari’ata jedhame.
Waltajjichi Mooraa Yuunvarsiitii Finfinneetti kunuunsa biqiltuu taasiisuun kan eegalame yoo ta’u, Laabraatooriiwwan, iddoolee shaakkalaa fi giddula hayyootaa Yuunvarsiitichaa kan daawwatan ta’uu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoorraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.