Fana: At a Speed of Life!

Guddinni Dhaabbataa kan madaalamu dandeettii imaammata mootummaa hojiirra oolchuu qabuuni – Leetanaal Jeneraala Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC) – Guddinni Dhaabbataa kan madaalamu sirnaa fi seera hordofee ga’umsa imaammata mootummaa hojiirraa oolchuu qabuuni jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraala Yilmaa Mardaasaan.

Hojii Bulchiinsa Faayinaansii, Bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa, akkasumas karooraa fi qophii gabaasaarratti xiyyeeffachuun leenjii ijaarsa dandeettii qooda fudhattootaaf kenneera.

Guddinni dhaabbata tokko kan madaalamu imaammata mootummaan baase seera fi sirnaan raawwachuu yoo danda’eedha jedhan Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Leenjiin kenname ergamaa fi mul’atan dhaabbaticha hojiirra oolchuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsamuu ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.