Fana: At a Speed of Life!

Gujii, Arsii Lixaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kibba lixaatti dargaggoota waliin mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Godina Gujii, Arsii Lixaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kibba lixaatti dargaggoota waliin haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira.
Godina Gujiitti dhaadannoo “jijjiirama wareegama dhalootaatiin fidne ni kunuunfanna; badhaadhina hunda galeessa ni mirkaneesina” jedhuun gaggeesitoota mootummaa olaanoo waliin bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Woyyuutti mariin gaggeeffameera.
Marii kana irrattii Itti gaafatamaan Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii argamaniiru.
Godina Arsii Lixaattis dargaggootaa waliin mariin haala yeroorratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Godina Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Tullubollootti Mariin dargaggootaa haala yeroorratti xiyyeeffate taa’amaa jira.
Marii kanarratti dargaggoonni kumni 1 fi 500 ol aanaalee godinichaa hundarraa dhufan hirmaachaa jiru jedhameera.
Waltajjiin marii dargaggootaa kun Godina Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaattis gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti dargaggoonni aanaalee Godina Shawaa Bahaarraa walitti babba’an hirmaachaa jiraachuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.