Fana: At a Speed of Life!

Gulaallii Waancaa Addunyaa dubartootaa umurii 17 gadiin Itiyoophiyaan marsaa itti aanuuf dabarte

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Gulaallii Waancaa Addunyaa dubartootaa umurii 17 gadiin Itiyoophiyaan Afrikaa Kibbaa injifachuun marsaa itti aanuuf dabarte.

Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itiyoophiyaa tapha marsaa duraa goolii 3 fi 0’n Afrikaa Kibbaa Finfinneetti injifachuun, har’a tapha deebiin ammoo Piritooriyaatti goolii malee xumuruun marsaa 3ffaatti darbuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Morkii marsaa 3ffaan ammoo Itiyoophiyaan Keeniyaa waliin taphatti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.