Fana: At a Speed of Life!

Gullalleetti zayinni nyaata seeraan ala man-kuusaa 4 keessatti kuufamee ture to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Gullalleetti zayinni nyaata seeraan ala man-kuusaa 4 keessatti kuufamee ture koree hundaa’ee to’atameera.

Magaalaa Finfinneetti qaala’insa jireenya sochii faddaltootaa fi daldaltoota seeraan guyyaa gara guyyatti dabala jiru ittisuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee koree hundeessee bobbaasuun isaa ni yaadatama.

Bu’uruma kanaan korichi sakattoo fi hordoffii taasisaa jiruun kutaa magaalaa Gullallee aanaa 5 maqaa addaan bakka bashaanaannaa Mulgeetaa jedhamutti eeruu hawaasaatin zayinni nyaata seeraan ala kuufamee ture to’atameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalichatti qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu kan ibsame yoo ta’u, sosochii seeraan alaa ittisuf koreen hundeesse hojjitti galuu ibsamuu ragaan waajjira kantiibaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.