Fana: At a Speed of Life!

Adwaan madda sabboonummaa fi bu’uura qabsoo uummata gurraachaati-Obbo Haayiluu Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC) – Gumiin balal marsaa 36ffaan injifannoo Adwaa ijaarsa seenessa waloof mata duree jedhuun Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Adwaan madda sabboonummaa fi bu’uura qabsoo uummata gurraachaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan himaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo saboonnii fi sablammoonni Itiyoophiyaa waliin irratti hirmaatan isa jalqabaa tahuu dubbaaniiru.

Injifannoo kanaanis, gootonni Oromoo loltummaadhaa hanga hooggansaatti lolicha dursuun, Uummanni Oromoo biyyattii ijaaru keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu kan agarsiisuudha jedhan.

Birmadummaa abboonni kaleessa dhiiga isaaniin nu dhaalchisan, dhaloonni har’aa itti fufsiisuu qabna jedhuun ibsaniiru.

Gahee Oromoon injifannoo Adwaa keessatti qabu, seenaan kun akkamitti dhaloota dhufutti dabarfamuu akka qaburratti xiyyeeffachuun mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Gumii kana irratti hayyoonnii fi Qorattoonni seenaa hirmaataniiru.

Dinqaa Baacaa fi Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.