Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa fi Bittaan Boba’aa Diijitaalaan guutuu biyyattiitti hojiirra ooluu eegale

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Gurgurtaa fi Bittaan Boba’aa Diijitaalaan guutuu biyyattiitti har’aa jalqabee hojiirra ooluu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Gurgurtaa fi Bittaa diijitaalichaa ilaalchisee Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii, Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa fi Ityoo Teeleekoom waloon ibsa laataniiru.

Sadarkaa yaalitti hojiirra oolaa kan ture Gurgurtaa fi Bittaan Boba’aa Diijitaalaa guutuu biyyattiitti har’aa jalqabee hojiirra ooluu eeraniiru.

Gurgurtaa fi Bittaan Boba’aa Diijitaalaa kun dhiibbaa deeggarsaa mootummaan Boba’aaf taasiisu hir’isuuf, geejjibni ummataa boba’aa ga’aa akka argatanii fi qisaasa’ina qabeenya boba’aa hambisuuf qooda qabaachuu dhaabbileen kunneen ibsa isaaniin himaniiru.

Teelee Birrii fi CBE Birriin Bittaa fi gurgurtaan kun kan raawwatamu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.