Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa Humna Elektirikiirraa galiin Birrii biliyoona 12.8 ol argame

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti gurgurtaa humna elektirikii biyya keessaa fi alaaf dhiyateerraa galiin Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 848 ol argamuu Humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise.

Gurgurtaa humnaarraa galii Birrii biiliyoona 13 fi miiliyoona 473 ol argachuuf karoorfamee, gurgurtaa biyya keessaarraa Birrii biiliyoona 10 fi miiliyoona 234 ol akkasumas gurgurtaa biyya alaarraa galiin Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 613 ol argamu ibsameera.

Dhiyeessiin humnaa biyyootaa akka Jibuutii, Sudaanii fi Keeniyaaf gurgurtaan kan dhiyaate ta’uun eerameera.

Raawwii kunis %95 ol milkaa’uu Daayrektarri Koorporeet Kominikeeshinii Humna Elektirikii Itiyoophiiya Mogos Mokonnin FBC’f ibsaniiru.

Baatiiwwan ja’an darbanitti humna elektirikii sa’aatitti Giiggaa Waattii kuma 10 fi 788 maddisuuf karoorfamee sa’aatiitti Giiggaa Waattii kuma 9 fi 549 ol maddisisuun akka danda’ame eerameera.

Humna elektirikii gurgurtaan dhiyeessuuf karoorfame sa’aatitti Giiggaa Waattii kuma 8 fi 505 ta’uu eeranii, Giiggaa Waattiin kuma 7 fi 788 gurguramuu mirkaneessaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.