Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Alaabaa wayita kabajnu humni farreen Iyoophiyaa yerootti qaana’aan ta’uu yaada keessaa galchuuni-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Guyyaa Alaabaa wayita kabajnu humni farreen Iyoophiyaa yerootti qaana’aan ta’uu yaada keessaa galchuun ta’uu akka qabu Itti Aanaa Muummee Ministeeraa Fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsaniiru.

Ministirichi kana kan jedhan hojjettooni Ministeera dhimma alaa wayita guyyaa Alaabaa 14ffaa kabajaniittidha.

Obbo Dammaqaan lammiileen Ityoophiyaa hundi kabaja alaabaa biyyaasaaf hojii bobba’eerratti bu’aa gaarii galmeessisuu qaba jedhaniiru.

Guyyaan alaabaa biyyoolessaa 14ffaan dhaabbilee mootummaa, mit mootummaa, manneen barnootaa, mooraawwan waraanaa, Imbaasiiwwanii fi dhaabilee biroo keessatti  kabajamu ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.