Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa ayyaana balaan ibiddaa akka hin muudanneef itti fayyadamaa elektirikiirratti of eeggannoo akka taasifamuu gaafatame

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Guyyaa ayyaana balaan ibiddaa akka hin muudanneef hawaasni itti fayyadamaa elektirikiirratti of eeggannoo akka taasisuu Komiishiniin Hoggansaa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

Itti gaafatamaan garee kominikeeshinii komiishinichaa obbo Gulilaat Geetahuun, ayyaanichi wayita kabajamuu hawaasni ibidda fi balaa tasaaf wantootaa saaxilaan irraa of eeggannoo taasisuu qabuun yaadachasiiniruu.

Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee wayita ayyaanni Cuuphaa kabajamuu balaan tasaa fi ibiddaa akka hi qaqqabneef qophii barbaachisaa taasisuu himaniiru.

Hawaasni balaan yoo qaqqabee sarara bilbila 939, sararoota bilbilaa kallattii 011 155 53 ykn 011 156 86 01 bilbiluun beeksisuun akka danda’amuus obbo Gulilaat himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.