Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa sabaa fi sabalammootaa sababeeffachuun magaalattiitti feestivaalli aadaa gaggeefameera

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)-Guyyaa sabaa fi sablammootaa 17ffaa sababeeffachuun mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa keenya Nageenyaa waaraa keenyaaf jedhuun Magaalaa Finfinneetti feestivaalli aadaa gaggeeffameera.

Feestivaalli aadaa kunis Addabaabaayii Masaqalaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u bakka bu’oonnni sabaa fi sabalammoota argamaniiru.

Argisiisni aadaa nyaataa, uffannaa, dhiichisaa sabaa fi sablammootaa fi kanneen biroon feestivaala kanarrattii dhiyaataniiru.

Feestivaalicharratti qondaaltonni hojii mootummaa, jiraattonni Magaalaa Finfinnee fii keessummoonni biroon hirmaachuu TOI gabaaseera.

Guyyaan sabaa fi sablammootaa 17ffaan sadarakaa biyyaalessaatti Kamisaa dhufu Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti Kabajama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.