Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen Magaalaa ibsituu sabaa fi sablammootaati-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Finfinneen Magaalaa ibsituu sabaa fi sablammootaati jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Guyyaa Sabaa fi Sablammoota, Ummatoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun feestivaalli aadaa mata duree “Sabdaneessummaa Tokkummaa Biyyaalessaaf” jedhuun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Aadde Adaanech akka jedhanitti, guyyichi waggoottan darban kabajamaa turuu yaadachiisanii, jijjiiramaa as hanqinaalee guutuu, sadaneessummaa haala giddugaleeffateen hojiileen garaagaraa hojjetamuu himaniiru.

Sabdaneessummaan haala qabatamaa Itiyoophiyaa ta’uu eeruun, garaagarummaa miidhagina ta’e tokkummaa biyyaalessaarraa utuu adda hinbaasiin akka carraatti fudhachuu qabna jedhaniiru.

Itiyoophiyaan aadaa, afaan, duudhaalee hedduu kan qabdu ta’uu dubbatanii, biyyattiin cimina ijoollee isheen gara badhaadhummaatti tarkaanfachaa jiraachuun hubachuun, gamtaan hojjechuu fi waltumsa cimsuu qabna jedhaniiru.

Hojiileen sabdaneessummaa giddugaleeffatan bulchiinsa magaalichaatti hojjetamaa jiraachuu ibsanii, Finfinneen Magaalaa ibsituu sabaa fi sablammootaati jedhaniiru.

Addatti mooraa tokko keessatti giddigalli aadaa sabaa fi sablammoota hundaa bakka bu’uu danda’u akka ijaaramuuf bulchiinsi magaalichaa murteessuun hojiitti seenuu ibsaniiru.

Giddugalli ijaaramus magaalattiif bakka hawwata tuuriizimii dabalaa ta’uu caalaa tokkummaan sabdanessummaa keessaa akka cimuuf carraa kan uumuudha jedhan.

Waltajjicharratti Afyaa’iiwwan naannolee dabalatee abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.