Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Kabaja Ayyaana Turiizimii Addunyaa 17ffaan Godina Arsii Lixaatti Kabajamaa Jira

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Guyyaan Kabaja Ayyaana Turiizimii Addunyaa 17ffaan Godina Arsii Lixaatti Kabajamaa Jira.

Kabaja Ayyaana Kanaa Irratti Miidiyaaleen Biyyaa Keessaa, Dhaabbileen Daawwachiiftotaa, Hooggansi Olaanoon Federaalaa,Naannoo Oromiyaa fi Godina Hirmaatanii Jiru.

Hoogganaan Biiroo Aadaaf Turiizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa kaayyoon ayyaana kanaa iddoowwaan hawwaata turiizimii Oromiyaa beeksisuudha jedhan.

Hojiin seekatara sababa turiizimii sababa koroonaatiif dhaabbatee ture of eeggannoo taasisaa akka itti fufu taasisuu akka ta’e ibsaniiru.

Dabalataanis Sababa rakkoo nageenyaatiin namoonni tokko tokko Oromiyaa dirree waraanaa fakkeessaniif Oromiyaan naga taatee iddoowwan hawwata turiizimi nageenyummaan isaa eeggamee daawwannaaf qophii ta’uu ibsuuf akka ta’es obbo Kabbadaan himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.