Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan sabaa fi sablammootaa sadarkaa naannoleetti kabajame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)- Guyyaan sabaa, sablammootaa fi uummatoota Itiyoophiyaa 18ffaan sadarkaa naannoleetti kabajameera.

Haaluma kanaan guyyichi sadarkaa Naannoo Afaaritti kan kabajame yoo ta’u, saganticharratti Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Awwal Arbaa akka jedhanitti, guyyaan saboota, sablammootaa fi uummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneesummaa biyyaalessa, walqixummaa fi obbolummaa caalaatti kan mul’isedha.

Kana malees ghuyyihi Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Teeppiitti kabajameera.

Waltajjicharratti Waamamaan Mootummaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Obbo Tsaggaayee Maammoon, asxaa Itiyoophiyaa kan ta’e guyyaan sabaa fi sabalammootaa kabajamuun Itiyoophiyaanonni garaagarummaa keessatti tokkummaa isaanii cimsuun, daran akka walbeekan kan taasisuu fi hariiroo uumu ta’uu himaniiru.

Dabalataan Naannoo Sidaamaattis guyyichi kan kabajame yoo ta’u, saganticharratti Afyaa’iin Mana Maree Naannichaa Aadde Faantaayee Kabbadaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan garaagarummaa keessatti kan iftu, biyya tokkummaan ishee cimaa akka taatuuf eenyummaan sabaa fi sabalammoota hundaa walqixa kabajamuu fi beekamuu qaba.

Akkasumas, guyyichi Naannoo Gaambeellaattis kan kabajame yoo ta’u, sirna kabaja guyyichaarratti Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umod Ujuluun, guyyichi kabajamuun tokkummaa ummatootaa cimsuuf guyyaa itti waadaa galle haaressinuudha jedhan.

Xilahuun Yilmaa, Qiddisti Bartaa fi Kominikeeshinii Naannoleerraa

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.