Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Maayaatti kabajama

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa Ummatootaa itiyoophiyaa 18ffaan Sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Maayaatti akka kabajamu Caffeen Oromiyaa ibse.

Afyaa’iin Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa ibsa miidiyaaleef kennaniin, guyyichi Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti sagantaalee garaagaraan Sadaasa 25, 2016 irraa eegalee akka kabajamu himaniiru.

Haaluma kanaan qindeessummaa Caffee Oromiyaatiin guyyichi sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Harargee Bahaa Magaalaa Maayaatti sirna ho’aan kan kabajamu ta’uus ibsaniiru.

Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa Ummatootaa Itiyoophiyaa 18ffaan qopheessummaa Naannoo Somaaleetiin Magaalaa Jigjigaatti kabajama.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.