Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu Rooba salphaa hanga cimaa argatu jedhame

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Guyyoota itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu Rooba salphaa hanga cimaa kan argatan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Kutaalee Kibba Lixaa fi Lixa biyyattiitti hammi Roobaa kan cimu ta’uu himeera.
Ji’a itti aanu kana keessa Godinaaleen Oromiyaa Qellem Wallaggaa, Buunnoo Beddellee, Aluu Abbaa Boor, Jimmaa, Arsii Lamaan, Baalee Lamaan, Gujii Lamaan,Booraanaa, Harargee lamaan, Shawaa Kaabaa fi Shaggar Rooba salphaa hanga Rooba idileen olii kan argatan ta’uu raagera.
Akkasumas Finfinnee, Harar, Dirre Dhawaa fi Godinaaleen naannoo Amaaraa hedduun Rooba Salphaa hanga cimaa argachuu danda’u jedheera.
Keessattuu naannawaa Sulula Qiinxamaatti roobni cimaan Roobu balaa lolaa tasaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf jiraattoonni naannawaa kanneenii of eeggannoo taasiisuu akka qaban yaadachiiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.