Fana: At a Speed of Life!

Haala qophii daawwanaa MM Dr.Abiy Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti taasisuuf jedhan ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Haala qophii daawwanaa Muummeen Ministiraa DooktarAbiy Ahimad Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti taasisuuf jedhan ilaalchisee mariin gaggeeffame.
 
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Kamisa dhufuu eegalee guyyoota sadiif Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti daawwannaa kan taasisan ta’uu ibsanii turan.
Gurraandhala 6, 2012 magaalaa Dubaay Istaadiyeemii garee Shabaab Al ahilii Almaktumitti lammiilee Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi Baha Giddugaleessaa jiraatan waliin marii kan taasisa ta’uu ergaa dabarsaniiru.
 
Daawwannichi milkiin akka xumuramu koreen dhaabbatee qophii taasisa jiraachuu himameera.
 
Lammiileen Ityoophiyaa bulchiinsoota Emmireetota Arabaa Gamtooman 7 keessa jiraatan Muummee Minsitiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad waliin akka wal argatan sochiin keessummeessuu fi Loojastiikii maal irra akka jiru daayreektarri Diyaasbooraa Eenjansii Ityoophiyaa aadde Salamaawiit Daawit walitti qabaa koree olaanaa Dubaay waliin marii taasisaniiru.
 
Qophiin hanga ammaatti jirus haala gaariirra jiraachuu ibsameeru.
 
Guyyaa kana laammiilee Ityoophiyaa gara kana dhufaniif tajaajilli geejjibaa bilisaan qophaa’uu isaa ragaan Dubaay fi Eemireetoota Kaabaatti waajjira Qoosilaa Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.