Fana: At a Speed of Life!

Qophii fi hojiirra oolmaa karoora barnootaa irratti mari’atame

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) –  Haala qophii fi hojiirra oolmaa karoora barnootaa irratti waltajjiin mana maree, Finfinneetti gaggeeffame.

Raawwiin karoora barnootaa, wixineen barnootaa fi imaammanni  leenjii waltajjichaaf dhiyaatera.

Karoorri barnootaa fi leenjii haaraan hojiirra ooluu isaatin turtiin yeroo digirii jalqabaa yuunvarsiitii xiqqaan waggaa 4 yoo ta’u, barattoonni yuunvarsiitii bara jalqabaa koorsii waliinii fudhatu jedhameera.

Bara kanaa eegalee qormaanni biyyaalessaa kutaa 10ffaa kan hafu yoo ta’u, seera barnootaa dura ture kan ammaa waliin walitti fiduun hojiirra kan oolu ta’uun ibsameera.

Adeemsi kunis sadarkaa sadarkaan erga irratti mari’atamee booda wixinee seeraan qophaa’ee dhiyaata jedhameera.

Karoora barnootaa fi leenjii kana haala sadarkaa idila addunyaa eeggateen maxxansuuf  yeroo ammaa hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.