Fana: At a Speed of Life!

Haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasummaan tamsaafaman ittisuuf hojjetamaa jira-ATMI

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasummaan tamsaafaman ittisuuf hojiileen gabbisa hubannoo hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaan taayitichaa baratoota Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Magaalaa Finfinneef leenjii gabbisa hubannoo ittisaa haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa kenneera.

Leenjichi maalummaa haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa, amala miidiyaa hawaasummaa, dhimmoota sakattaa’aa haqummaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Daayrektarri Olaanaa Abba Taayitichaa Mahaammaad Idiriis akka jedhanitti, abban taayitichaa hojiilee gaggeessu keessaa tatamsa’ina haasaawaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuurratti hojii hubannoo uumuu kennuudha.

Yeroo ammaas miidiyaan hawaasummaa babal’achaa dhufuu hordofee miidiyaalee hawaasummaa tokko tokkorratti odeeffannoowwan sobaa tamsaafaman waliin jireenyaarratti dhiibbaa kan uumanii fi namoota dhuunfaa murtee dogoggoraaf kan saaxilan ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan gochaalee kanneen ittisuuf keessumaa barattoonni guddattoon haasawaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa adda baasanii ittisuuf gahee isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

Leenjichis fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.