Fana: At a Speed of Life!

Haguuggii Fuulaa malee socho’uun dhuganii konkolaachiisuun tokko – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 (FBC) – Ministeerri Ministeera Fayyaa fi Poolisiin Federaalaa haala waqtaawaarratti ibsa waloo laalaataniiru.

Yeroo ammaa lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii haala addaan dabalaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaaa Taaddasaan ibsaniiru.

Torbee darbe namoota qorannoon taasiifameef 100 keessaa namoota 23 irratti vaayrasichi argamuu himaniiru.

Lakkoofsi namoota lubbuun darbaniis daraan dabaluu kaasan.

Lakkoofsi namoota dhibichaan qabamaniin daraan dabaluu isaan yaala guutuu dhukkubsatootaaf laachuun hin danda’amne jedhan.

Namoonni vaayrasichaan qabamuu isaanii baran qofaatti adda of baasuu dhabuun isaanii weerarichi caalmaatti akka babal’atuuf sababa guddaa ta’uu Dooktar Liyaan kaasaniiru.

Yeroo ammaa Haguuggii Fuulaa malee socho’uun dhuganii konkolaachiisuun tokkoodha jedhan.

Weeraricha ittisuuf to’annoo fi hordoffii barbaachisu taasiisuun murteessaa ta’uu Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaan dubbataniiru.

Keessattuu iddoolee tajaajilli ummataa itti heddumatuutti seeroonni weeraricha ittisuuf ba’an hojiirra akka oolaan qaamni nageenyaa to’annoo fi deeggarsa ni taasiisa jedhan.

Guyyoota itti aanaan qajeelfamoonni seera raawwachiisan ifatti ba’uun poolisii naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundaaf akka darbu ni taasiifama jedhan Jeneraal Malaakuu Faantaan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.