Fana: At a Speed of Life!

Hamaas Teel Aviivitti haleellaa Rokkeetti raawwate

Finfinnee, Caamsaa 18, 2016 (FBC) – Hamaas har’a Giddugaleessa Isiraa’eel Teel Aviivitti haleellaa Rokkeetti raawwachuu beeksise.

Hamaas haleellaa bal’a Giddugaleessa Isiraa’eelitti raawwachuu Qondaalli Waraanaa Hamaas Al Qaasiim Birgeed fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Haleellaan Hamaas guyyaa har’aa raawwate haleellaa Isiraa’eel Gaazaatti raawwachaa jirtuuf deebii ta’uu eeraniiru.

Waraanni Isiraa’eel gama isaan Kibba Gaazaa naannawaa Raafitti yoo xiqqaate Rokkeettiwwan 8 haleellamuu fi hedduun qiyyeeffannaa isaanii osoo hin qaqqabin kufuu ibseera.

Haleellichi hanga ammaatti miidhaan qaqqabsiise kan ifoomne ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.