Fana: At a Speed of Life!

Hamma Buna Gabaa Alaaf ergamuu guddisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Hamma Buna Gabaa Alaaf ergamuu guddisuuf hojiin gabaa Alaa babal’isuu hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksiise.
Biyyoota Giddu Galaa fi Baha Fagootti gabaa Bunaa haaraa uumuun hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Shafii Umar dubbataniiru.
Kanaanis bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru.
Muddama Galaanaa Diimarratti muudateen hanqina Konteenaraa fi Dhiibbaa uumame dandamachuun danda’amuu eeraniiru.
Biyyoonni Eeshiyaa hedduun oomisha Buna Itiyoophiyaa bituu eegaluu himaniiru.
Saa’ud Arabiyaa, Ameerikaa, Jarman, Chaayinaa, Jaappaan, Biriitaaniyaa fi Awustiraaliyaan biyyoota Buna Itiyoophiyaa bituun adda duree ta’aniidha.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.