Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti gaagura kuma 500 olirraa dammi tooniin kuma 57ol misomeera-BQO

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC)- Hanga ammaatti gaagura kuma 500 ol dhiheessuun dammi tooniin kuma 57ol misoomuu Biiroon Qonna Ormiyaa beeksise.

Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachootti dargaggoota hojii eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetamerratti gurmaa’anii misooma dammaa fi baala shayee akka gaggeessaniif gaagura ammayyaa dabarsaniiru.

Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun, suluulota misooman keessatti hojii qonna qindaawaa gaggeessuun fayyadammummaa qonnaan bultootaa fi dargaggootaa mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu akkeekaniiru.

Inisheetiivii misooma dammaatiin qabame milkeessuufis barana gaagura ammayyaa miiliyoona 1 dhiheessuun damma toonii kuma 114tti dhiyaatu oomishuuf karoorfamee, hanga ammaatti gaagura kuma 524 fi 550 dhiheessuun dammi tooniin kuma 57 fi 569 misoomuu ibsaniiru.

Hojiilee eegumsa biyyee fi bishaanii tajaajila lammummaan hojjetaman itti fufiinsa akka qabaatuuf dargaggoonni hojii barbaaddonni gurmaa’anii hojii qonna qindaa’aa misooma dammaa, misooma margaa fi furdisa beeyladaarratti hojjechuun bu’a qabeessa ta’uu dubbachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Dargaggoonnis hojii qonnaarratti gurmaa’uun beekumsaa fi humna qabaniin hojjechuun dingdee isaanii akka guddisaniif biiroon Qonnaa oromiyaa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu Obbo Geetuun himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.