Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti Raayyaa Ittisaaf Birrii biiliyoonni 3 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) –Adeemsa hanga ammaatti jiruun Birrii biiliyoonni 3 ol Raayyaa Ittisaaf Walitti qabamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiise.
 
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Qana’aa Yaadataan qabeenya deeggarsa Raayyaa Ittisaaf walitti qabamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Ibsa isaaniin hanga ammaatti Birrii biiliyoonni 3 ol walitti qabamuu fi Diyaaspoorarraa Birrii miiliyoonni 42 argamuu dubbataniiru.
 
Sangootiin qalmaa kumni 6 fi 679, Hoolaa fi Ra’oonni kuma 10 ta’an walitti qabamaniiru jedhan.
 
Mootummaan Federaalaa, dhaabbileen misoomaa mootummaa Federaalaa, naannoleen, magaaloonni, hawaasni daldalaa fi dhaabbileen biroo ammas deeggarsa taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Dooktar Qana’aan deeggarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiifamaa jiru galateeffataniiru.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.