Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammatti hidhatoonni Alshababaa 209 barbadeeffamaniiru-TKM

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Hanga ammatti humnii hidhataa alshababaa dangaa cabsee seenee keessaa kanneen 209 ta’anirratti qindoomina qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannootiin tarkanfii fudhatameen barbadeeffamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi ibsa baaseen, tarkaanfiin garee shororkeessaa Alshabaab irratti fudhatamaa jiru injifannoo boonsaan dabalaamee itti fufuu ibseera.

Guyyootaa muraasaan duraa Naannoo Somaalee Godinaa Afdeeraa naannawaa Aatoo jedhamutti gareen hidhaataa Alshabaab seenee ture irratti tarkaanfii fudhatameen miseensonni garechaa hedduun yoo barbadeeffaman baqachuun dhokatanii kan turan 25 irrattis tarkaanfiin fudhatamuu himeera.

Humnoonni muraasni haleellaa irraa ga’een faca’anis, meeshaalee waraanaa guguddaa qabatanii jiran awwaluuf yaalii taasisaa akka jiran himuun, hanaga ammaatti meeshaaleen quunnamtii fageenyaa dheeraa 4 keessaa sadii booji’amun eerameera.

Naannawaa Ferfer jedhamuuun seenee kan turee garechaa keessaa 85 irratti tarkaanfin yoo fudhatamuun baqachuun gara dhufanitti wayita deebi’an, biyya ollaatti humna federaalaa Somaaliyaatiin tarkaanfiin keessa deebii hinqabne irratti fudhatameera.

Hanga ammatti humni hidhataa Alshababaa dangaa cabsee seenee keessaa kanneen 209 ta’anirratti qindoomina qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannootiin tarkanfii fudhatameen barbadeeffamuu ibsameera.

Bay’inni humnoonni garechaa qindoomina ummataa naannichaa fi milishaatiin booji’amanii fi tarkaanfiin irratti fudhatame adda baafamaa jira jedhameera.

Tarkaanfii humnota nageenyaa Federaalaa fi Humni Addaa Naannoo Somaaleen fudhataniin kisaaraan humna namaa fi qabeenyaa guddaan garee Alshabaa irra ga’uu ibsameera.

Gareen kun aanaa Elkarree irraan Naannoo Oromiyaa seenuun garee shororkeessaa Shaneen walquunnamuuf kaayyeffatee kan ture yoo ta’ellee karoorri isaanii guutummaatti fashalaa’uu mirkanaa’eera.

Hojiin garee shororkeessaa kana qulqulleessuu qindoominaan cimee kan itti fufuudha jedhameera.

Gareen shororkeessaa kun ergama shororkeessummaa qabatee dhufe guutummaatti fashaleessuu fi hojiin naannawaa seenaan keessa qulqulleessuu gaggeeffame qaamolee nageeenyaa cinaatti gumaachi hawaasaa olaanaa akka ture ibsameera.

Gareen kun guutummaatti hanga qulqulleeffamutti ummanni deeggarsa gama maraan taasisu cimsee itti fufuu akka qabu mootummaan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.