Fana: At a Speed of Life!

Hangi Warqee Baankii Biyyaalessaa galuu hir’isuu ibsame

Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Baankiin Biyyaalessaa oomishtoota mala aadaan warqee oomishaniifi dhaabbata ooomisha Warqee Miidrook Laga Danbii irraa warqeen haalaan isa qaqqabaa kan hin jirre ta’uu ibse.

Bara baajataa 2015’tti warqee kiiloogiraama kuma 10 bituuf karoorfamee baatiiwwan salgan darbanitti warqeen kiiloogiraamni kuma 2fi 684 bitamuu Ittaanaan Bulchaa baankichaa Fiqaaduu Digaafeen Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Hangi warqee baankicha galuu qabuu kan bara darbee yeroo walfakkaatan walbira qabamee wayita madaalamu %62.5 hir’isuu kaasaniiru.

Daldalli kontiroobaandii rakkoo ta’uu kaasuun rakkicha furuuf qaamolee dhimmisaa laallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Albuudaa Miiliyoon Maatewoos gamasaaniin, sababni hir’ina oomisha warqee daldala kontiroobaandii ta’uu ibsuun, lammiilee biyyoota alaa dabalatee namoonni daldala seeraan alaarratti bobba’an to’atamuu kaasaniiru.

Naannoleen eenyama kennan haalaan to’achuu dhabuun qormaata ta’uu ibsaniiru.

Warqee dabalatee rakkoo gama albuudota gurguddoo jiran hambisuuf labsii haaraan qophaa’ee Mana Maree Ministirootaaf dhiyaachuu eeraniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.