Fana: At a Speed of Life!

hanqinoota kenniinsa tajaajilaarratti mudatan furuuf siiviil sarvaantin dirqama itti kenname ga’uumsaan ba’u akka qabu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Biiroon Paabliiki Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa hanqinoota kenniinsa tajaajilaarratti mudatan furuuf siiviil sarvaantin dirqama itti kenname ga’uumsaan ba’u akka qabu beeksise.
Hogganaan birichaa obbo Namarraa Bulii, miidiyaaleef ibsa kennaniin, hanqinoota kenna tajaajilaarratti mudataa jiran furuufi gahee jijjiirama keessaatti hojjetaan mootummaa qabu guddisuun murteessadha jedhaniiru.
Kanaafis akka guutuu Oromiyaatti sadarkaa naannoo, godina, magaalotaa fi aanaatti siiviil sarvaanti kuma 550f marsaa duraatin Gurraandhala 8 hanga 11,2013 leenjiin hubannoo ni laatama jedhaniiru.
Waltajjii leenjii kanaanis ga’ee hojjetaa mootummaa jijjiramaa fi rifoormii hojirra olchuu keessatti qabu, hanqinoonni turanii fi kallattiin fulduraa ni ilaallama jedhaniiru.
Akkasumas hanqinoota manneen hojii mootummaa keessatti mul’atan haala ittin furamuu, fedhii hawaasni tajaajilamuuf qabu itti guutuun danda’amurratti ni mari’atamaa jedhameera.
Obbo Namarraa hojjetoonni manneen hojii mootummaa kenninsii tajaajila ummataa itti baay’atu marsaa itti aanuun leenjiin hubannoo ni fudhatu jedhaniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.