Fana: At a Speed of Life!

Harargee Lixaatti Yaa’iin Abboottii Seeraa 4ffaa fi Eebbi Riifoormii Teeknooloojii Mana Murtii Olaannaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti Manni Murtii Olaannaa godinichaa bakka Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaa Simalii fi Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Afaar obbo Mahammad Abdoo argamanitti eebba riifoormii teeknooloojii gaggeeffameera.

Ummanni Harargee duudha jaalalaa fi gootummaatiin hojii fakkeenya qabu waan hojjettaniif galata qabdu jedhan Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaa Simal.

Harargeen Lixaa roga hundaan jijjiirama akka Oromiyaatti dhufee fi galmaa’aa jiru keessaa qooda olaanaa qabaachuu bulchituun godinichaa Aadde Ikraam Xahaan ibsaniiru.

Yaa’ii fi eebba riifoormii gaggeeffamaa jiru irratti Hoggansi Olaannoon Naannoo,Godinaalee fi Hoggansi Mana Murtii aadaa argamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.