Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jira – Ambaasaaddar Baacaa Dabalee

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC) – Hariiroo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Baacaa Dabaleen ibsan.

Biyyoonni lamaan hariiroo Dippiloomaasii bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Ambaasaaddar Baacaan eeraniiru.

Hariiroon kun waliigaltee waraanaallee kan hammate ta’uu kaasaniiru.

Waliigalteen waraanaa kun waayita Itiyoophiyaa rakkoon mudate Loltoonni Keeniyaa Itiyoophiyaa tumsuun hanga loluutti, akkasumas Waayita Keeniyaa rakkoon mudate Loltoonni Itiyoophiyaa Keeniyaaf hanga loluutti kan ture ta’uu Ambaasaaddar Baacaan himaniiru.

Keeniyaa fi Itiyoophiyaan daangaa bal’aa qoodatanis naannawaa daangaatti rakkoon nageenyaa mudate hin turre jedhuun eeraniiru.
Hariiroo kana jabeessuuf Manni Maree Waloo Ministirootaa hundaa’ee turuu dubbataniiru.

Yaa ta’uutiin Manni Maree waloo faayidaa olaanaa qabu kun waggoottaan torban darbaniif adda citee turuu himaniiru.

Manni Maree waloo kun baatii kana keessa walga’ii waloo akka gaggeessuuf waliigalteen garaagaraa mallattaa’uu ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen Nageenyaa, Turizimii, Qonnaa fi Tajaajila Elektirikaa dabalatee dhimmoota 7 irratti waliigaltee mallatteessuu isaanii Ambaasaaddar Baacaan himaniiru.

Waliigalticha hordofee dhimma Nageenyaa ilaalchisee Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Keeniyaa waliin kan mari’atan ta’uu eeraniiru.

Daawwannaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Keeniyaatti taasiisanis hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimsuu fi hojiilee gara fuula duraatti hojjetamuuf yaadaman kan tumsu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.