Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo obbolummaa fi tokkummaa hawaasa naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Konfiraansiin nageenyaa fi misoomaa Naannoolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa Magaalaa Kaamaashitti gaggeeffameera.

Ummanni Oromoo fi Beenishaangul Gumuz ummata Seenaa, Aadaa fi Qorqalbiin tokkoo taheedha jedhameera.

Waltajjicharratti Itti aanaa Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Hayilee Gurmeessaa fi Hogganaan Biiroo Bulchiinsa fi Nageenya Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Abdusalam Ibraahiim, Bulchaan Godinaa Wallaggaa Lixaa Obbo Salamoon Tamiruu, Bulchaan Godinaa Kaamaashii Obbo Bijigaa Tsuh, Qondaaltootni Raayyaa ittisa Biyyaa, Jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Amantaa fi bakka buutoonni hawaasa naannolee lamaanii hirmataniiru.

Waltajjiin kunis hariiroo obbolummaa fi tokkummaa hawaasa naannolee lamaanii caalmaatti cimsuuf kan qophaa’edha.

Rakkoo Nageenyaa Qaamoleen hidhatanii naannoo Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuz keessa socho’an uumaa turaniin, hariiroon ummattootaa rakkoof saaxilamee akka ture fi jiru ibsameera.

Rakkoo daandii cufamuun walqabatee walitti daldaluu fi waliin jiraachuun Hawaasa naannoolee lamaanii addaan cituu eerameera.

Rakkoo uumame furuuf hojjetamaa jiraachuu hoggantoonni naannolee lamaanii eeraiinru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.