Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon cimaa seenaa fi amantaa Ityoophiyaa fi Isiraa’eel gidduu ture walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii cimsuuf haala mijataa ni uuma jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Hariiroon cimaa seenaa fi amantaa Ityoophiyaa fi Isiraa’eel gidduu ture walitti dhufeenya daldalaavfi invastimantii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf faayidaa guddaa qaba jedhameera.

Imbaasiin Itoophiyaa Dhaabbata Walta’iinsa Daldala Idil addunyaa fi Alergitoota Isiraa’eel waliin ta’uun akkaataa hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii itti cimsuun danda’amurratti marii taasisaniiru.

Maricharratti abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaatti hojii invastimantirraatti bobba’an, abbootiin dhaabbilee haaraa damee dhuunfarratti hojjechuuf fedhii qabanii fi hoggantoonni dhaabbilee adda addaa argamaniiru.

Isiraa’eelitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Rattaa Alamuu haala mijataa gama invastimantii, daldalaa fi tuurizimiin Ityoophiyaan qabdurratti hirmaattota waltajjichaaf ibsa bal’aa taasisaniiru.

Ityoophiyaa fi Isiraa’eel hariiroo cimaa seenaa fi amantaa baroota dheeraaf ture waliin qabaachuu himaniiru.

Walitti dhufeenyi kun hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaan jidduu jiru caalmaatti cimsuuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Dhaabbata Walta’iinsa Daldala Idil addunyaafi Alergitoota Isiraa’eelitti itti gaafatamaan Dhimmoota Damee Biizinasii Idil addunyaa Miisi Saabiin Seegaal gama isaaniin,walitti dhufeenyi diinagdee Isiraa’eel fi Ityoophiyaa jidduutti taasifamaa jiru fooyya’insa guddaa muul’isaa jiraachuu kaasaniiru.

Hariiroo kana caalmaatti cimsuuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu dubbachuu isaanii ragaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.