Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon gara fuulduraa Ityoophiyaa fi Chaayinaa abdii guddaa kan qabu ta’uu Obbo Dammaqaa Makonniin ibsan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Hariiroon gara fuulduraa Ityoophiyaa fi Chaayinaa abdii guddaa kan qabu ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaan michummaa fi wal amanurratti kan hundaa ta’uu eerun,biyyoonni lamaan fedhii carraa hin tuqamne duguuganii fayyadamuuf qabaniin hariiroon gara fuulduraa isaanii abdii guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Obbo Dammaqaan daawwannaa Chaayinaatti taasiisaa turan cinaan CGTN waliin turtii taasiisaniinru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa hunda galeessa, Hammataa, Tarsiimawaa fi tumsarratti kan hundaa ta’uu dubbataniiru.

Walitti dhufeenyi biyyoota kanneenii biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu ibsuun, dantaa waloo bira darbee walitti dhufeenya diinagdee jajjabeessu ta’uu himaniiru.

Daawwannaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang fi tattaaffiin Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Chaayinaa Zyuu Biing taasisaa jiran Chaayinaan hariiroo yeroo dheeraa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii cimaa qabaachuuu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.