Fana: At a Speed of Life!

Haroowwan Abbaayyaa fi Caamoo balaa irraa baraaruuf hojiilee bal’aa gaafata jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Haroowwan Abbayyaa fi Caamoo sababoota namtochee garaagaraan balaa dhabamuu fuulleffataanii jirurraa baraaruuf hojiilee eegumsa naannawaa bal’aa akka gaafatu ibsame.

Dursaan garee Eegumsaa fi Misooma Qabeenya Uumaamaa Waajjiraa Eegumsa Naannawaa fi Bosonaa Godina Gaamoo Obbo Gaamburaa Gaantaa akka jedhanitti, bosona naannawaa haroowwan kanneenii fi laggeen itti galootti argaman, faayidaa qonnaa, ijaarsa manaa fi qoraaniif oolfamuun walqabatee, dhiqamni biyyee olaanaan mudachaa jiraachuun ibsameera.

Biyyeen guutamuu haroowwaaniirraan kan ka’e gadi fageenyi hawoowwaanii hir’achuu fi bal’inni isaanii dabalaa dhufuu eeranii, furmaanni hatattamaa yoo hinkennamne waggoota muraasa booda balaan guutummaatti baduu akka mudatu hubachiisaniiru.

Haroowwan kanneen balaarraa baraaruuf waajjirichi dhaabbilee misoomaa waliin ta’uun lafa hektaara 970 irratti eegumsa bosonaa fi biyyee hojjechuu ibsaniiru.

Bara darbe biqiltuuwwan dhaabamaniin lafti hektaarri 174 bosonaan uwwifamuu ibsaniiru.

Kanaanis hammi biyyee dhiqamee haroo Caamootti galuu hir’achuu akka danda’e himaniiru.

Haroowwan Abbayyaa fi Caamoo balaa baduu fuulleffateen irraa baraaruuf hojiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamuu akka qabuu dhaamaniiru.

Wandasan Araggaahanyitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.