Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa Soomaalee Keeniyaatti argaman waliin mariin taasiifame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Dhalattoota naannoo Soomaalee Keeniyaatti argaman waliin mariin taasiifamuu Keeniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiise.

Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad dhalattoota naannoo Soomaalee Keeniyaatti argaman waliin haala waqkataawwarraatti magaalaa Naayroobiitti marii taasiisaniiru.

Ityoophiyaa keessatti dameewwan diinagdee, Siyaasaa fi kanneen birooddatti fooyya’iinsi taasiifamaa jiraachuu obbo Musxafeen ibsa taasiisaniiru.

Fooyya’iinsi akka biyyaatti waggootan sadan darban keessaa taasiifame naannoo Soomaaleetti faayidaa guddaa argamsiisuu ibsa taasiisaniiru.

Dhalattoota naannoo Soomaalee Keeniyaatti argaman misooma invastimantii fi Daldalaarratti akka hirmaanii fi ce’umsaa teeknooloojii keessatti gumaacha akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Mallas Alem,hawaasni naannoo Soomaalee Keeniyaatti argaman deeggarsa Imbaasiichaaf hanga ammaattitaasiisan galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.