Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni yeroon oomisha akka walitti qabu hubachiifame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Roobni yeroo isaa hineegane mudachuu waan maluuf hawaasni yeroon oomisha ga’e akka walitti qabu Ministeerri Qonnaa hubachiise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen sochii misoomaa qonnaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, naannaawaa biyyatti hanqinni roobaa darbee darbee uumamaa jiruutti hawaasni rakkoolee biroof akka hinsaaxilamne, Koominishinii Hoggansa Soda Balaa Biyyaaleessaa waliin ta’uun misoomni jallisii akka babal’atuuf hojjetamaa jira jedhan.

Kana malees, weerara Awwaannisa Gammoojjii naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaale fi Tigraayitti mudate ittisuun akka danda’ame himaniiru.

Dooktar Girmaan dabalataan akka ibsanitti, naannawaalee oomishni qonnaa ga’eetti roobni waktii isaa hineegne mudachuu waan maluuf hawaasni oomisha ga’e yeroon akka walitti qabu dhaamaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.