Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni furmaata jajjaboo maddisisuun gahee isaanii akka bahatan Muummeen Ministiraa gaafatan

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC)- Hayyoonni dhiibbaawwan hawaasummaa fi diinagdee garaagaraa Ityoophiyaa mudataa jiran hubachuun, fedhii isaanii haala qabatamaa waliin walsimsiisuu fi furmaatawwan jajjaboo maddisiisuun gahee caalu akka taphatan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaafatan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hayyoota yuunivarsitiiwwan biyyattii garaagaraarraa walitti baba’an waliin mata duree “Gahee hayyootaa badhaadhina biyyaaf” jedhuun mari’ataniiru.

Hayyoonni biyya fooyyoftuu ijaaruuf, hirmaannaa barbaachisaa akka taasisan akeekaniiru.

Dhiibbaawwan hawaasummaa fi diinagdee garaagaraa Ityoophiyaa mudataa jiran hubachuun, fedhiiwwan isaanii haalota qabataamaan walsimsiisuu fi furmaatawwan jajjaboo maddisiisuun gahee caaluu akka taphatan hubachiisan.

Hirmaattonni, adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti akkasumas misooma, nagaa fi tasgabbii biyyaarratti gaaffilee garagaraa dhiyeessuun bal’inaan mari’atameera.

Dhimmootaa ijoo hirmaattotarraa ka’an ilaalchisees qaamoleen dhimmichi ilaallatu hordoffii akka taasisan kallattii kaa’uu ragaan Waajjiraa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.