Fana: At a Speed of Life!

Heliikooptarri Pireezidaantii Iraan dabalatee hoggantoota olaanoo biyyattii feetee imalaa turte kuftee caccabuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2016 (FBC) – Heliikooptarri Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayisin dabalatee hoggantoota olaanoo biyyattii feetee imalaa turte Baha Azaarbaajaanitti kuftee caccabuu gabaafame.

Akka Gabaasa Teehiraanitti, Heliikooptaroota 3 balalliirra turan keessaa 2 bakka ga’umsa isaanii qubataniiru.

Heliikooptarri kuftee caccabxe jedhamte Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayisiin dabalatee Ministeera Dhimma Alaa biyyatti Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolaii Al Raashiimii fi Bulchaa Baha Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu feetee imalaa turuu hin oolle jedhame.

Yaa taa’uutii Heliikooptarittii keessa eenyufaan akka jiran sirriitti adda hin baane jedhameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu eerameera.

Pireezidaanti Raayis har’a Bulchiinsa Baha Azaarbaajaanitti argamuun hidha Qiiz Qaalaasii jedhamu eebbisiisaanii gara Teehiraanitti waayita deebi’an Heliikooptarri kun kuftee caccabuu akka hin oolle ‘The Times of India’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.