Fana: At a Speed of Life!

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf galiin Birrii miiliyoona 867 ol walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an daraban ijaarsaa Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf galiin Birrii miiliyoona 867 walitti qabamuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummaataa Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ibse.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Mana Marichaa Obbo Haayiluu Abirahaam akka ibsanitti ijaarsa hidhaa haaromsaaf deeggarsi ummanni taasisu cimee itti fufeera.

Haaluma kanaan barana baatiiwwan ja’an darban galii Birrii miiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii miiliyoonni 867 ol walitti qabamuu ibsaniiru.

Deeggarsi walitti qabames diyaaspooraarraa, bittaa boondii biyya keessaa fi kennaa akkasumas karaa ergaa gababaa 8100 A’n ta’uu eeraniiru.

Keessumaa bittaa boondii fi kennaan, galii walitti qabamee keessaa qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Waajjirichi tooftaawwaan galii walitti qabuu duraan turanii fi haaraa hojiirra oolchuun hojii deeggarsa walitti qabuu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni ijaarsa hidha haaromsaaf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu Obbo Haayiluun waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.