Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaaf Diyaaspooraarraa Birrii miiliyoonni 272 walitti qabame

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Bara baajataa xumurameetti Hidha Haaromsaaf Diyaaspooraarraa Birrii miiliyoonni 272 walitti qabamuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Adoolessa 2012 hanga Adoolessa 2013tti hawaasa Diyaaspooraarraa Birrii Miiliyoonni 2 fi miiliyoonni 72 walitti qabamuu Daayreektarri olaantuun Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa aadde Salamaawiit Daawwiit dubbataniiru.
Walakkaan Maallaqichaa kennaan kan gumaachame ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee buqqa’aniif marsaa jalqabaan birrii miiliyoonni dhibbi 7 walitti qabamuu kaasuun, marsaa 2ffaan ammoo torbee 3 keessatti Birrii miiliyoonni 36 walitti qabamuu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 3.9 ol galmeessiisan damee Invastimantiirraatti hirmaachuun hojii dhabeeyyii kuma 13 oliif carraa hojii uumuu dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.