Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaaf galiin Birrii miiliyoona 500 ol walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Baatiiwwan shanan darban deeggarsaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf galiin Birrii miiliyoona 500 olii walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Waajjirichatti Daayrektarri ittaantuun Aadde Fiqirtee Taammiraat, baasii ijaarsa Hidha Haaromsaaf barbaachisu uwwisuuf kutaalee hawaasaarraa deeggarsa garaagaraa walitti qabaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara baajataa kana baatiiwwan shanan darbanittis, sagantaalee deeggarsa garaagaraan kutaalee hawaasaarraa galii Birri miiliyoona 625 walitti qabuuf karoorfamee Birri miiliyoona 503 walitti qabamuu dubbatan.

Galiiwwan kunneenis karaa ergaa gabaabaa 8100, gurgurtaa boondii, gurgurtaa Piinii fi kanneen biroon ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Bara 2016 ijaarsa hidhichaaf galii Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuuf karoorfamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.