Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni Godina Matakkal keessa socho’aa turan waamicha nagaa simachuun deebi’an

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Danguraa keessa hidhattoonni socho’aa turan waamicha nageenyaa taasifame simachuun deebi’aniiru.

Bulchaan Godina Matakkal Obbo Lammeessaa Waawuyyaa, lammiilee waamichaa nageenyaa mootummaan taasise simachuun jireenya idilee isaaniitti deebi’an galateeffataniiru.

Mootummaan Nageenya lammiilee mirkaneessuu bira darbee naannawichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf, hidhattoonni gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi’an xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Hidhattoota kenneen nagaan akka deebi’aniif Raayyaan Ittisa Biyyaa fi jaarsoliin biyyaa gahee olaanaa bahachuu ragaan komunikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.