Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Abbayyaa pirojektii sochii tuuriizimii sadarkaa olaanaan dammaqsuudha-Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Hidhii Gudiichaa Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa maddisiisuu cinaatti pirojketii sochii tuuriizimii sadarkaa olaanaan dammaqsu ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Beeniishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan ibsan.

Obbo Ashaadilii Hasan, Ministira Ministeeraa Tuuriizimii Naasisee Caalii, hoggantoonni hojii mootummaa sadarkaa federaalaa fi naannoo, guyyaa tuuriizimii Addunyaa 35ffaa sababeeffachuu Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Obbo Ashaadiliin daawwanicharratti akka ibsanitti, hidhichi wayita xumuramu naannawaa bishaan qabatutti bakka hawwata tuuriizimii olaana akka ta’u ibsaniiru.

Paarkii Biyyaalessaa Biijamiiz naannawaa bishaan hidhichaa ciisuu waliin akka walquunnamu ibsuun, bakkeewwan hawaata tuuriizimii naannichaa carraa tuuriizimii hidhichaa waliin walqabsiisuun faayidaa olaanaa akka argamsiisu dubbataniiru.

Ambaasaddar Naasisee Caaliin gama isaaniin Hidhi Guddichi Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa elektirikii maddisiisuu cinaatti, faayidaa damee hedduu akka qabu kana keessaas tokko misooma tuuriizimiiti jedhan.

Kanaaf gamanumaa qophii barbaachisaan taasifamaa jiraachuu himanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatu qorannoo gaggeessaa jiraachuus ibsan.

Barana mata duree “Yaadama haaraa Tuuriizimiif” jedhuun guyyaan tuuriizimii addunyaa 35ffaa sadarkaa biyyaalessaatti kabajame misoomaa tuuriizimiirratti hunduu akka hirmaatuuf kakaasuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.